top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Warshaan Foon Harree kan Bishooftuutti argamu kan hin cufamin tahuun beekkame.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Aug 1, 2017
  • 1 min read

Ji’oota muraasa dura Warshaa Foon harree Magaalaa Bishooftuutti banameen walqabatee, mormiin ummataa waan ka’eef mootummaan naannoo Oromiyaa warshicha kana cufuu isaa ibsee ture. Haata’u malee ragalee warshaan kun akka hincufamin mul’isiin kan argaman yootahu, xalayaan Baankiin Daldala Itiyoophiyaa guyyaa 21 adoolessa 2017 barreesse, warshichi kan hincufamin ta’uu mirkaneessa.

Inumaayyuu akka xalayaa kanarraa hubachuun danda’ametti, warshichi gatii foon Harree kana biyya alaatti gurguruun irratti, dhaabbiilee mootummaa waliin kan walii hingalin waan ta’eef, Foon Harree kun akka gara biyyaa alaa hin ergamne kan dhoorge tahuu hubachiisa.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa kanaan dura warshaan Foon Harree kuni kan safuu ummata keenyaa cabse waan ta’eef cufamee jira jechuun isaa niyaadatama.

_ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com


Kommentit


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page