top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Qondaalli Haajaa alaa Turkiyaa mootummaa Falisxiiniif deeggarsi akka godhamu gaafate.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Aug 1, 2017
  • 1 min read

Guyyaa hardhaa Qondaltonni haajaa alaa miseensa dhaabbata Gurmuu biyyoota Islaamaa (OIC), weerara dhiheenya kana Isra'eel masjiidal Aqsaa irratti gaggeessaa jirtu irratti mari'atuuf, Turkiyaa magaalaa Istaanbulitti kora geggeessaa jiru. Ministerri haajaa alaa Turkiyaa Biyyoonni muslimaa birmadummaa ummata Falisxiinii fi mootummaa Falisxiin akka deggaran gaafate.

Ministirri haajaa alaa Turkiyaa Mevluut Kavusogluu baniinsa kora kanaa irratti haasawa godheen ''Falisxiinota weerara Isra'eeliin biyya isaanii dhabanii fi qe'ee isaanii irraa buqqa'uun bibittinnaa'an haasawa qofaan osoo hin tahin gochaan deeggarsa keenya ibsuufi qabna". “Gocha seeraan alaa raawwatamaa jiru kana dhaabsisuuf, qamni dhimmi ilaallatu hundi birmadummaa mootummaa Falisxiiniif sagalee akka dhageessisu affeeruu qabna" jedhe.

Turki yeroo ammaa kana dhaabbata gurmuu biyyoota muslimaa kana dura bu’ummaan hoogganaa jirti.

_ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page