Gamtaan Arabaa Dhimma Al Aqsaa irratti mari'atuuf walgahii ariifachisaa waame.
- NuuralHudaa
- Jul 23, 2017
- 1 min read

Gamtaan Arabaa Roobii dhufu gocha mootummaan Yahuuda Isra'eeli masjiidal Aqsaa fi magaalaa Alqudsi irratti raawwataa jiru irratti mari'atuuf, ministiroota haajaa alaa biyyoota miseensa Liigii Arabaa tahanii roobii dhufuuf kora ariifachisaa kan waame tahuu Anaadooluu Niiwuus gabaase jira.
Waamichi kun guyyaa kaleessaa Ministirri haajaa alaa Joordaan Ayman Al Safadi gita isaa ministira haajaa alaa Misraa Samiih Shukrii waliin dhimma Al Aqsaa irratti bilbilaan eega mari'atanii booda tahuus odeeyfannoon argame ni mul'isa.
Barreessaan gamtichaa Ahmed Abdul-Gheit "Isra'eeli daangaa dabartee jirti; gocha isiin raawwataa jirtu kana, muslimoonni addunyaa caallisanii hin ilaalaan; Mootummaan Isra'eel abidda wajjiin taphataa jira, kun immoo rakkoo gudda keessa isa galcha" jechuun akekkachiise.
_ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com
Comments