top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Mormiin Gibiraa gutuu Oromiyaa keessatti babaldhatee jira.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Jul 19, 2017
  • 1 min read

Labsii gibiraa bara 2009tiin walqabatee daldaltoonni naannoo Oromiyaa magaalota adda addaa keessa jiran, manneen daldalaa cufuun mormii cimaa geggeessaa jiru. Daandileen magaaloota walqunnamsiisan cufamanii jiru, waraanni mootummaatis iddoo tokko tokkotti ummata irratti tarkaanfii humnaa fudhatuuf socha’aa kan jiru tahuus odeeffannoon argame ni addeessa.

Magaalota yeroo ammaa kana mormiin keessatti geggeefamaa jirutti, qondaaltonni mootummaa manneen cufaman irratti waraqaa Saamsame jedhu maxxansuun abbootii qabeenyaa irratti tarkaanfii fudhatuuf socho’a jiratunis gabaafameera.

Akkasumas magaalota tokko tokko keessatti immoo qondaaltonni daldaltoota walitti qabuun manneen daldalaa maaliif akka cufaman kan gaafataa jiran tahuus beekameera.

Walgahii magaalaa Holataa irratti deebisaan daldaltoota irraa qondaaltota mootummaatiif kenname "Gibirri humna keenyaa ol wan taheef isin jalaa baqatuuf " jechuun kan deebisaaniif tahuu odeeffannoon naannawa irraa argame ni addeessa.

Mormiin gibiraa kun guyyaa 3ffaaf kan itti fufe yoo tahu, magaalota yeroo ammaa mormiin itti geggeeffamaa jiru keessaa Amboo,Walisoo, Olankomii,Holotaa, Naqamtee, Dambiidolloo, Gudar, Walqixxee Gimbii, Shukutee fi magaalonni Oromiyaa kan birootis jiraatu beekameera.

_ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page