top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Masjiidal Aqsaan Alhada kaleessaa  kan baname tahuus kan keessatti hin salaatamin tahuun beekkame.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Jul 17, 2017
  • 1 min read

Mootummaan Isra'eeli masjiidal Aqsaa juma'aa darbe irraa kaasee waan cufeef, guyyoota lamaaf kan itti hin salaatamin tahuun ni yaadatama. Alhaada kaleessaa immoo kan banan yoo tahu, muslimoonni Falasxiin garuu seenanii salaatuu diduu isaanii odeeyfannoon AlJaziiraa irraa argame ni addeessa.

Mootummaan Yahuudaa Isra'eel guyyaa kaleessaa masjiida kana eega banee booda, waraana isaa hedduu fi kaameraawwan adda addaa akkasumas dallawa Sibilaatiin masjiida marse.

Haala kana hordofuun Imamoonni fi hooggantoonni masjiidal Aqsaa seenuu diduun, dallawa masjiidatiin alatti kan salaatan tahuu gabafameera. Bulchiinsa masjiidal Aqsaa kan tahe Umar Kiswaani ibsa midiyaaleef kenne irratti "Cufamuun masjiidal Aqsaa,Azaana ugguruu fi gochi raawwatama jiru kun hundi kan seeraan alaa akkasumas kan waliigaltee Dhaabbata mootummoota gamtomanii fi waliigaltee addunyaa tarkanfatedha, Mootummaan Isra'eeli wanta haarawa masjiidal Aqsaa keessaatti godhef itti gaafatamummaa hanga fudhatuu fi hanga haal duree tokko malee too’anna masjiidichaa nuuf gad lakkiisutti nutis alatti Salaanna" jedha.

Muslimoonni Falasxiin hedduunis masjiidal Aqsaa seenuu diduun, moonaa masjiidatiin alaatti kan salaatan tahuu gabafameera.

Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com


コメント


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page