Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii, ji'a 6 qofa keessatti lammiileen Afgaanistaani 1,662 ajjeefa
- NuuralHudaa
- Jul 17, 2017
- 1 min read

Jilli deeggarsa Dhaabbata mootummoota gamtoomanii Afghanistaanitti argamu (UNAMA) gabaasa har’a baaseen akka mul’isetti, jalqaba waggaa kanaa Amajjii 1 hanga waxabajjii 30 yeroo jiru keessatti lammiileen nagayaa 1,662 kan ajjeefaman tahuu mirkanneesse. Namoonni kun irra caalaan isaanii lola ji'a Caamsaa keessa waraana mootummaa fi qabsaawota xaalibaan jiddutti godhameen kan ajjeefaman tahuus gabaasni kun ni mul'isa.
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii( UN); Dubartoonni 174 kan ajjeefaman yoo tahu, 462 irratti miidhaan cimaan kan gahe yoo tahu akkasumas daa'imman 436 ajjeefamuu fi 1,141 irratti midhaan cimaan dhaqqabuu mirkaneefadhee jira jedhe.
Jilli deeggarsa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Afghaanistaanitti argamu (UNAMA) akka jedhutti; Duuti daa'immanii fi dubartootaa kun irra hedduun Yeroo waraanni mootummaa duula adda addaa godhuu fi boombiiwwan daandii irratti awwaalamaniin kan mudataniidha jedhe.
Ajjeechaan kun 67 % sababa garee Finciltootaatiin yoo tahu, 43 %immoo Taalibaanotaan fi akkasumas 5% immoo garee Da'ish jedhamuun tahuu gabaasni kun ni mul'isa. Loola Afghanistaan keessatti godhameen Amajjii bara 2009 irraa hanga hardhaatti namoonni nagayaa 26,500 kan ajjeefamanii fi 49,000 immoo kan miidhaman tahuu gabaasni dhaabbata mootummoota gamtoomanii(UN) irraa argame ni mul'isa.
____ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com
Comentários