Search
Masjiidal Aqsaan guyyaa lammaffaatiif cufaa oole
- Jul 15, 2017
- 1 min read

Guyyaa kaleesaa Waraanni Yahuudaa Isra'eeli Falasxiinoota 3 meeshaa waraanaa harkaa qabu jechuun dhukaasa itti bane, Isaanis ofirraa deebisuuf kan yaalan yoo tahu, Dhukaasa kanaan Falasxinotni 3 fi poolisoonni Isra'eel lama ajjeefamuun gabaafame.
Kanuma hordofuun mootummaan Israa'eel Salaanni juma'aatis akka hin salaatamne dhorkuun Masjiidal-Aqsaa cufe. Masjiidal Aqsaan hardhaas guyyaa lammataaf osoo itti hin salaatamiin cufaa oole.
Mootummaan Isra'eel hanga Alhadaa hin banamu kan jedhe tahuu gabaasni Anadolu News irraa argame ni addeessa.
Commenti