Faransaay biyyoonni Galoo Galaana Arabiyaa qoqqobbii Qaxar irra kaahan akka kaasan gaafatte.
- NuuralHudaa
- Jul 15, 2017
- 1 min read

Misraa fi biyyoonni galoo galaana Arabiyaa Sa'udii, Emireeti fi Bahreeyni June 5/2017 irraa jalqabee qoqqobbii cimaa Qaxar irra kaahuun ni yaadatama. Sababni qoqqobbii kanaa Qaxar gareewwan Shororkeessitootaf deeggarsa maallaqaa goti kan jedhu yoo ta’u, mootummaan Qaxar immoo dubbiin tun dhara jechuun morme.
Ministirri haajaa alaa Faransaayi Jiin Yivees LeDriyaa, Ministira haajaa ala Qaxar Muhammad Bin Abdulrahman Al Sanii wajjiin Dohaatti eega wal argeen booda ibsa midiyaalee kenne irratti "Qoqqobbiin lammiilee Qaxar irratti dhibbaa guddaa uuman akka kaafamani" jechuun gaafatuu isaa odeeffannoon Rooytersi irraa argame ni addeessa.
Ledriyaan galgala hardhaa mootummaa Sa'udii wajjiin mariyatuuf gara Riyaaditti kan imalu fi guyyaa boru immoo dhimma kanaaf gara Emireeti kan cehu tahuus gabaafameera.
Rakkoo biyyoota kana jiddutti uumame furuuf Kuweyti tattaaffii cimaa kan godhaa turte yoo ta’u, Ameerikaanis torbee darbe keessa kan itti dabalamte ta’uu ni yaadatama.
Ministeri hajaa alaa Ameerikaa Tileersen torbee darbe keessa gara Dohaatti imaluun michuu isaa Muhammad Al Sanii wajjiin; Shoroorkeessumma ittisuu irratti biyyootni lamaan walii wajjiin dalaguuf waligaltee mallateessaniiru.
Misraa dabalatee biyyoonni galoo galaana Arabiyaa gama isaaniittin qoqqobbiin Qaxar irra kahame kan itti fufu ta’uu ibsaa jiru.
__
Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com
Comments