Mootummaan Isra'eel Juma'aa har’aa Masjiidal Aqsaatti akka hin Salaatamne dhorkuun gabaafame
- NuuralHudaa
- Jul 14, 2017
- 1 min read

Poolisoonni isra’eel lammiilee Falasxiin 3 haleellaa raawwachuuf deeman jechuun ganama har’aa erga ajjeessanii booda; ummata salaata jum’aatiif gara masjidal-Aqsaa deeme akka gara masjidaa hinseenne dhoorkuun gabaafame. Dhoorkaan akkasii kun waggaa 50 keessatti kan jalqabaati jechuun Imaamni lammii Falisxiin Aanadolu News’f hime.
Hoogganaa Poolisii Isra'eel kan tahe Yoraam Ha-leavy, hanga Dhimmi qulqullaa'utti masjiidni akka cufamu kan godhame tahuu dubbate. Waraanni Isra'eel magaalaa kabajamtuu Al-qudsi marsuun muslimoonni akka hin seene dhoorkaa oluu namoonni ijaan argan Anadolu News’tti himaniiru. Hoogganaan Masjiidal-Aqsaa Umar Qiswaanii gocha kana balaleeffatuun "Kan hardhaa kun hedduu nama sodaachisa, kun guutummatti amantaa keenya irratti lola labsuudha” jedha. Imaamni Masjiidal-Al Aqsaa Sheekh Muhammad Husseen Musliimoonni naannawa Masjiidichaatti argaman Salaata Juma'aatiif akka dhufan waamicha dabarsee kan ture yoo tahu, waraana mootummaa Isra'eeliin akka ukkaamfamee fi eessa akka geeffame kan hin beekne tahuu ilmi isaa Umer bin Shekh Muhammed Anadolu News’tti hime. ____ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com
コメント