Muslimoota Naannoo Tigraay irraa hidhaman irratti hidhaan hanga waggaa 3 fi ji'a 6 murteeffame
- Jul 13, 2017
- 1 min read

Ulamaa'otni fi Ustaazonni Naannoo Tigraay aanaa Raayyaa Hazaboot jedhamu irraa qabamanii, galmee Sheekh Abdulmannaan jalatti Wahaabiyyoota jechuun yakka dharaatiin himataman irratti, manni murtii adabbii hidhaa ji'a 6 hanga waggaa 3 kan irratti murteesse tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.
muslimoota kana jidduu Sheekh Abdulmannaan Sa'udii kan jiraataa turan yoo tahu, maatii isaanii ziyaaruuf gara biyyaa yeroo dhufanitti, bara 2006 keessa yeroo koreen furmaata barbaadduu hawaasa muslimaa hidhaa turanitti maatii koreetiif Sa'udiitti maallaqa waliitti qaban, kun immoo mootummaaf ilaalcha badaa qabatuu isaanii agarsiisa jechuun himataman.
Dhaddacha kanaan duraa irratti Manni murtii himannaa isaan irratti dhiyaateef ragaa dharaa eega dhagaye booda, namoota lama bilisaan lakkisuudhaan warra hafan immoo ragaa ittisaa akka dhiyeeffatan murteessuun ni yaadatama.
Haaluma kanaan guyyaa hardhaa Sheekh Abdulmannaan hidhaa waggaa 3 fi jia 6, Sheekh Ahmad Yusuuf, Sheekh Khadiir Hasan fi Obbo Ahmad Suleeymaan irratti adabbiin hidhaa waggaa 1fi ji'a 6 kan murteefame tahuu gabaafameera.
Muslimoonni hidhaan waggaa tokko fi ji'a jaha itti murteeffame, yeroon adabbii isaanii kan xumurame yoo tahu dhiyootti hidhaa irraa ni hiikamu jedhame eeggama.
Comentários