top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Himannaan Yakka Shoroorkeessummaa hooggantoota KFO irratti dhiyaatee ture kuffifame.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Jul 13, 2017
  • 1 min read

Itti aanaa dura taa’aa Kongirasii Federaalistii Oromoo(KFO) kan tahe Obbo Baqqalaa Garbaa dabalatee hooggantootaa fi miseensota dhaabbatichaa kanneen biroo irratti Abbaan alangaa yakka Shoroorkeessummaa banuun ni yaadatama.

Manni murtii dhaddacha guyyaa hardhaatti ooleen namoota galmee kana jalatti himataman 22 jidduu, namoonni 5 bilisaan akka lakkifaman kan murteesse yoo tahu, isaan hafan immoo yakki duraan Shororkeessummaa raawwatan jechuun irratti dhiyaate kuffifamee, yakka gareewwan shororkeessitootaa keessatti hirmaatani jedhutti gadi buusuun, akka ragaa ittisaa dhiheeffatan kan murteesse tahuu odeeyfannoon Raadiyoo Sagalee Jarman(DW) irraa argame ni addeessa.

Abukaatoo Obbo Baqqalaa Garbaa kan tahe Ammahaa Makonnin, mirgi Wabii Obboo Baqqalaa Garbaa akka kabajamu mana murtii kan gaafatu tahuus DW'f himeera.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page