Dhimmi Gibiraa biyyattii naannoo adda addaa keessatti mormii cimaa kaasaa jira.
- NuuralHudaa
- Jul 12, 2017
- 1 min read

Mootummaan Itiyoophiyaa gibira humnaa oli daldaltoota irratti kan dabale yoo ta’u, dabaltiin kun immoo kutaalee biyyattii hunda keessatti mormii cimaa kaasuu odeeyfannoon argame ni addeessa.
Guyyaa labsiin gibiraa haarawni kun labsame irraa kaasee daldaltoonni magaalaa Finfinnee mormii cimaa dgageessisaa turan, amma immoo daldaltoonni naannoo Oromiyaatis mormii kaasaniiru.
Daldaltoota magaalaa Finfinnee keessaa tokko tokko kan dubbisne yoo ta’u; isaan keessa namni tokko
"Murtiin gibiraa na irratti darbeefi qabeenyi ani qabu gonkumaa wal hin gitu; amma dalagaa harkaa qabu kana dhiisee biyya irraa bahuun alatti carraa biraa hin qabu" jedhe
Daldaltoonni Naannoo Oromiyaa magaalota adda addaa keessa jiranis murtii gibira isaan irratti darbe mormuun gara Waajjira galii naannoo isaaniitti argamu dhaquun kan iyyatan yoo tahu, tilmaamni darbe kan seeraan alaa fi humna keenya oliiti jedhu.
Godina Harargee bahaa magaalaa Calanqootti daldaltoonni gibirri humna keenyaa oliittu nu irratti dabalame jechuun mormii kan godhan tahuu maddeen gabaasaniiru.
Daldaltoonni galiin isaanii sadarkaa gadii irratti argamu murtii gibira humna oli isaan irrstti fe'ame kanaan sodaa guddaa keessa jiraatu dubbatu.
___ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com
Comments