Seerri mootummaan Hindii Loon qalmaaf akka hin gurguramne jechuun labsee ture kuffifame.
- NuuralHudaa
- Jul 11, 2017
- 1 min read

Ji'a Caamsaa keessa, Mummichi ministeera Hindii Nareendraa Moodii; seera haarawa Loon tajajila aananii fi lafaan qotuutiin alatti, qalmaaf gurgurus tahee bituun dhoorka jedhu labsee ture. Manni murtii ol'aanaa Hindii immoo guyyaa hardhaa july 11/2017 labsii kana kan kuffise tahuu gabaasni Aljaziiraa irraa argame ni mul'isa. Manni Murtii ol'aanaa Hindii, Biyyattiin Oomisha gogaa fi Foonii irraa galii guddaa kan argattuu fi akkasumas labsiin kun lammiiwwan biyyattii miliyoonotaan lakkaawaman carraa hojii kan irraa cufu waan ta'eef kan kuffise tahuu ibseera. Biyya Hindiitti hordoftoonni amantaa Hinduu Loon kan waqeffatan yoo tahu; labsiin bayee tures dhibbaa hordoftoota amantichaatiin ta’uun gabaafameera. Muslimoota Hindii kan jireenyi isaanii Loon horsiisuu, Foon loonii nyaataa fi gurgurtaaf warshaaleef dhiheessaa turan irratti labsiin dhiibbaa guddaa uumee ture. Bara 2010 irraa kaasee muslimoonni 28 sababa dhimma kanaatiin hordoftoota amantaa Hinduutiin kan ajjeefamanii fi eega muummichi ministeera seera kana labsee booda immoo dararaan muslimoota irratti geggeefamu kan haalaan dabale tahuus gabaasni kun ni mul'isa. Hogganaa mana marii muslimoota Hindii kan tahe Abdul Fahiim Qureeshi; '' Murtiin manni murtii olaanaa hardha dabarse kun Daldaltoota Foonii fi muslimoota Hindii maraaf Oduu gammaachuutti'' jedha.
____ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com
Comments