Korri Dargaggoota Muslimaa idil-addunyaa deeggarsa Falasxiiniif ibsuu irratti xiyyeeffate magaalaa I
- NuuralHudaa
- Jul 8, 2017
- 1 min read

Miseensonni Jarmiyaalee dargaggootaa fi gamtaalee barattoota muslimaa biyyoota 30 irraa walitti dhufan kora guyyaa lamaaf turu hardha Adoolessa 8/2017 Tarkii magaalaa Istaanbulitti jalqaban.
Xiyyeefannaan kora kanaa cunqursaa weerartoonni Yahuuda Isra'eel Falasxiinota irratti raawwataa jiran mormuu fi deeggarsa ummata Falasxiinif qaban irratti mari’achuuf akka ta’e gabaasni Anadolu news irraa argame ni addeessa.
Kora kana Jarmiyaa Dargaggoota Anadooluu kan Tarkii keessatti argamuu fi Dhaabbatni dargaggoota fi gamtaa barattoota Adduunyaa Deggarsa Falasxiiniitiif jedhaman walii wajjiin kan qopheessan tahuun beekkameera.
Dursaa Jaarmiya Dargaggoota Anadoolu kan tahe Saalih Turan baniinsa kora kanaa irratti haasawa godheen
"Kaayyoon nuti kora kana waggaa lamaaf wal-faanaa dhimma Falasxiin irratti qopheessineef, Dhimmi magaalaa Alqudsii fi Masjiidal-Aqsaa qabsoo Falasxiin keessatti mata duree jalqabaa waan ta'eef, akkasumas dargaggoota Muslimaa guutuu Addunyaa kan dhimmi Falasxiin yaaddessu sagaleen isaanii akka dhagayamuuf" jedha.
Hooggantuu Dhaabbata dargaggoota Addunyaa fi Waldaa Barattoota Falasxiin kan taate Ihab Nafi gama isiitiin,
"Kaayyoon korri kun dhimma ummata Falasxiin irratti xiyyeeffateef, dhimmi Falasxiinootaa onnee muslimoota Addunyaa keessa akka jiraatuuf, akkasumas Dhimmi Falasxiinootaa dhimma muslimoota Addunyaa hundaa tahuu isaa Addunyaa hubachiisuuf "jechuun Anadoolu newsitti himte.
Ihab; Dhimmi Falasxiin Muslimoota Addunyaa hunda ni yaaddessa" jette.
Barattuun Shamarran muslimaa Afrikaa kibbaa bakka bu'uun argamte Amiina Bireeda gama isiitiin "Akka muslimaatti Falasxiin Onnee keenya keessatti sadarkaa guddaa wan qabduuf, wanti guddaan ani hardha Istaanbulitti argameef, Dhimma qabsoo ummata Falasxiin gad faggeenyaan beekuu fi hubannoo gahaa argatuuf" jechuun Anadolu news’tti himte.
Dhimma ummata Faliisxiin irratti magaalaa Istaanbulitti yeroo dhihoo as korri hedduun geggeefamee jira; waggama kana Ji'a Guraandhalaa keessa korri guddaan lammiiwwan Falasxiin 5,000 irratti hirmaatanii turan geggeefamuun gabaafameera.
____
Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com
Comments