top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Qaxar Ulaagaa biyyoonni galoo galaana Arabiyaa dhiheessan kan hin fudhanne ta’uu ibsite.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Jul 2, 2017
  • 1 min read

Biyyoonni Galoo Galaana Arabiyaa Sa'udii, Emireeti, Bahreeyn fi Masri Waxabajjii 5/2017, Qaxar dhaabbilee Shororkeessitootaa deeggarti jechuun uggura irra kaayan. Qoqqobbii irra kaayan kana immoo kasuuf ulaagaa qabxii 13 qabu tarreessuun, Qaxar guyyaa 10 keessatti fedhii isaanii akka raawwattuuf akeekkachiisuun isaanii niyaadatama. Biyyoonni kunniin Qaxar yeroo kennameef kana keessatti deebii gayaa yoo kan hin kennine tahe immoo tarkaanfin irratti fudhatamu kan dabalu tahuu ibsan.

Guyyaan keennamee ture Alhada hardha kan dhume yoo tahu, Qaxar immoo ulaagaalee isaan dhiheessan kana kan hin fudhanne ta’u ibsite.

Ministeerri haaja alaa Qaxar Muhammad bin Abdulrahman Al Sanii ibsa Sabtii kaleessaa magaalaa guddoo Xaaliyaani kan taate Room keessatti ibsa miidiyaalee kenne irratti "ulaagaaleen Sa'udii fi biyyoonni michuuwwan isii dhiheessan fudhatama hin qabu" jedhe.

Ministeerri haaja alaa Qaxar ibsa isaa kana keessatti:

" Ulaagaaleen biyyoonni kun dhiheessan kan birmadummaa Qaxar cabsuu, Kan mirga yaada ofii walabaan ibsatuu ukkaamsu fi akkasumas kan Qaxar to’annaa isaanii jala galfatuuf dhiyaate ta’uu eenyuufuu ifa" jedhe.

Sheikh Muhammad bin Abdulrahman Al Sanii ibsa isaa itti fufudhaan:

"Qoqqobbiin biyyoonni kun Qaxar irra kahanis kan seera Addunyaa cabsee fi biyyoonni kun seera Addunyaatiif kabaja kan hin qabne tahuu agarsiisa. Qaxar yeroo dhiibbaan biyyoota kanaan irratti godhamaa jiru itti fufe kanattis, rakkoo kana mariidhaan furuuf qophiidha" jechuun ibsa isaa xumure.

__________ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page