Majliisni Ahbaashotaa yaali masjiidota to’annaa ufii jala galfatuuf godhan cimsanii itti fufaniiru.
- NuuralHudaa
- Jun 30, 2017
- 1 min read
Guyyaa hardhaa masjiida haarawaa magaalaa Finfinnee naannawa Afincoo barr jedhamutti abbaa qabeenyaa tokkoon ijaaramee xumurame, fudhachuuf kan yaalii godhan tahuu maddeen naannawa irraa nuuf gabaasaniiru.
Abbaan Qabeenyaa masjiida kana ijaarsise iddoo sanitti argamuun masjiida kana maallaqa guddaa itti baasuun wanti ijaareef akka hawaasni muslimaa itti tajajilaamuf; yoo majliisni rakkoo uumuuf kan yaalu tahe qabeenya masjiida kana irratti bahe kaffaluun masjiida kana fudhatu ni danda'an jechuun dubbate. Ijaarsa Masjiida kanaatiif qarshiin miiliyoona Afurtamaa ol kan itti bahe yoo tahu, maallaqni warri ahbaash gaafataman humna isaanii ol waan taheef dhiisanii kan deeman tahuu maddeen gabaasaniiru.
Majliisni kun iddoo adda addaatti masjiidota to’annaa isaanii jala galfatuun, amantaa Ahbaash itti barsiisaa jiraatuun beekamaadha.
Comments