top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Mootummaan Itiyoophiyaa Sa'udiin Yeroo dhiifama akka dheeressitu gaafadhe jedha.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Jun 29, 2017
  • 1 min read

Mootummaan Sa'udii lammiiwwan biyyoota adda addaa kan Hayyama jireenyaa hin qabne guyyaa 90 keessatti biyyaattii lakkisanii akka bahan labsuun ni yaadatama. Yeroon kenname immoo guyyaa kaleessaa June 27/2017 kan dhume yoo ta’u, lammiiwwan Itiyoophiyaa hedduun hanga ammaatti biyyattii lakkisanii kan hin bahin ta’uu odeeyfannoo argame ni addeessa.

Ministerri Dhimmoota Komunikeeshiinii Mootummaa Itiyoophiyaa Obbo Nagarii Leencoo; Mootummaan Itiyoophiyaa akka yeroon dhiifama kun dabalamu mootummaa Sa'udii kan gaafate ta’uu BBC'f hime. Obbo Nagariin BBC'f akka himetti "Lammiiwwan Itiyoophiyaa 45,000 ol biyyatti deebi'aani jiru, akkasumas lammiiwwan hedduunis hanga ammaatti kan guyyaa keenname keessatti bahuu qabaniif kan hin bahin ni jiru" jedha.

Gaaffii Mootummaan Itiyoophiyaa dhiheesseef hanga ammaatti , Mootummaa Sa'udii irraa deebiin kan hin kennamin ta’uu odeeffannoo ni addeessa.

Obbo Nagariin. “Mootummaa Sa'udii irraa deebii bareedaa ni arganna jennee yaadna” jechuu isaa gabaasni kuni ni mul’isa.

_____ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page