top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Haleellaan Bombii Masjiidal Haram irratti raawwatuuf karoorfame fashaluun gabaafame.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Jun 23, 2017
  • 1 min read

Mootummaan Sa'udii Haleellaa Masjiidal Haram irratti raawwatuuf karoorfame poolisoonni to’annaa jala olchuu ibse.

Ministrii dhimma biyya keessaa ibsa baseen

"Gareewwan kun Haleellaa kana magaalaa Kabajamtuu Makkaa fi magaalaa Jidaatti raawwatuuf kan karoorfatan tahuus ibsameera.

Akka gabaasa Poolisiitti, haleellaan karoorfame kun, tokko kutaa Magaalaa Makkaa bakka Assiilaa jedhamtutti kan fashalaaye yoo tahu, inni lammataa ammoo bakka Ajyad Al-Masaafii jedhamutti fashalaawe. Naannawa AJyad jedhamutti namichi mana isaa keessatti dhokatee ture, humnoota tika nageenyaatti harka kennatuu diduun dhukaasa kan bane yoo tahu, boodarratti boombii hidhate ofirratti dhoosuun kan du'ee fi namoota biroo irrattis midhaa kan geesse tahuu gabaafameera.

Odeeffannoon jalqabarra bahe, haleellaan kun Masjiidarratti raawwatamuu ibsa. Boodarra odeeffannoon kun jijjiiramee, haleellaan kun fashalaahuun ibsame.

__

Application NuuralHudaa download godhuuf

Android https://goo.gl/Ieo7dv

iPhone https://goo.gl/y7n0In

iPad https://goo.gl/Yf9a8x

NuuralHudaa

https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/

https://twitter.com/NuuralHudaa

www.nuuralhudaa.com


コメント


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page