top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Bulchiinsi Tiramp uggura lammiiwwan biyyoota muslimaa 6 akka Ameerikaa hin seenne jechuun baase hojj

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Jun 22, 2017
  • 1 min read

Manneen Murtii sadarkaa duraa jiran irraa deddeebi'uun, ajajni bulchiinsi Tiramp lammiiwwan biyyoota muslimaa 6 irraa akka Ameerikaa hin seenne jechuun labse, kan heera fi seera biyyattii cabse jechuun kuffisan; torbee dabre keessa immoo manni murtii Firaansiiskoo pirezdantichi aangoo ugguruyuu hin qabu jechuun kuffise.

Haata’u malee Abbaan alangaa uggurri kun hojjii irra oluu qaba jechuun mana murtii ol'aanaatti yeroo dhumaatiif oliyyaanna kan dhiheeffate tahuu gabaasni Rooytersi irraa argame ni addeessa. Ol-iyyannaa ammaa kana irratti manni murtii ol'aanaan, murtii manneen murtii sadarkaa gadii dabarsan guutumaatti akka kuffisu kan gaafate tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.

Gama biraatiin immoo, Ol'iyyannaa kana mormuun Abbaan alangaa kutaa Hawaayii, manni murtii ol'aanaan uggura bulchiinsa Tirampi kana akka kuffisu gaafachuun iyyannoo dhiheessee jira.

__ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com

댓글


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page