top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Magaalaa Londonitti muslimoota masjiidattii salaatanii bahaa turan irratti haleellaan raawwatame.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Jun 19, 2017
  • 1 min read

Magaalaa guddoo UK London keessatti haleellaa konkolaataan muslimoota irratti godhame kanaan, yoo diqqaate namoonni 8 kan du'anii fi namoonni 50 ol kan miidhaman tahuu odeeyfannoon Rooytersi irraa argame ni addeessa. Namni haleellaa konkolaataa kana raawwates too'annaa jala ooluun gabaafameera.

Namoota balaa kana ijaan argan waabefachuun gaazexaan Independent akka gabaasetti, konkolaataan kun haleella kana dursee halkan karaa naannawa masjiida kanaa cufee dhaabbatee akka ture himee jira.

Manni Marii Muslima Biriitaaniyaa gama isaatiin, Konkolaataan kun ummata Masjiidaa bahaa jiru keessa figuun balaa kana raawwatuu ibseera. Barreessaan Mana Marii Muslimoota Biriiteen Haaruun Khan gama Twitter isaatiin " Ummata Salaata Salaatee masjiidaa bahaa jiru irratti haleellaan akkasii kun raawwatamuu isaa dhagahuun hedduu kan nama rifachiisuu fi aarsu" jechuun barreesse.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page