top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Ertraan waliigaltee cabsuudhaan dachii kiyya humnaan qabatte; jechuun Jibuutiin himatte.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Jun 17, 2017
  • 1 min read

Torbaan kana keessa Qat

ar loltoota ishii kan daangaa Eritiraa fi Jibuutii irratti argaman ergaa kaafte booda, Waraanni mootummaa Eritiraa lafa yeroo dheeraaf jidduu isaaniitti falmisiisaa ture, too'ate jechuun ministerri dhimma alaa Jibuutii Muhaammad Yuusuf Dhaabbata Mootummoota Gamtomanii fi Gamtaa Afrikaatti kan iyyatan tahuu dubbate.

Muhaammad Yuusuf " Akkuma humnoonni nageenyaa Qaxar daangaa lakkisaaniin Waxabajii 12 fi 13 loltoonni Eritiraa gar gaara Dumeeyraa imaluu jalqaban; yeroo ammaa kana looltoonni kun gutumaa guututti gaara Dumeeyraa fi oddoola Dumeeyraa qabatan; kun immoo waliigaltee mana maree nageenyaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii kan cabse" jechuun Rooytersitti hime.

Mootummaan Eritiraa immoo dhimma kana irratti hanga ammaatti yaada hin kennine. Qaxar immoo humnoonni nageenya ishii kan daangaa biyyoota lamaanii irra turan akka lakkisaanii bahan kan goote, biyyoonni kun Qoqqobbii biyyoonni galoo galaana Arabiyaa isii irratti labsan kan deeggaran tahuu eega ibsanii booda yoo tahu, hanga ammaatti garuu maliif loltoota isii akka kaaste kan hin ibsin tahuus gabaafameera.


Commentaires


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page