Qaxar Jeettiiwwan Waraanaa F-15 jedhaman Ameerikaa irraa bitachuuf walii galuun gabaafame.
- NuuralHudaa
- Jun 15, 2017
- 1 min read

Qaxar Jeettiiwwan Waraanaa F-15 jedhaman, Ameerikaa irraa dolaara biliyoona kudha lamaan bitachuuf walii galuu isii ministeerri ittisa biyyattii dubbate. Biyyoonni Galoo galaana Arabiyaa tahan Sa'udii,UAE,Bahreeyn akkanumas Misraan , biyyiti ollaa isaanii tan qabeenya uumamaatiin badhaate Qaxar, sababaa shororkeessitoota deeggarti jedhuun hariiroo waliin qaban addaan kutuun; biyyoonni birootis akka isaan waliin dhaabbatan olola irratti ofaa jiru.
Kanaan walqabate Jimaata dabre Pireezdantiin Ameerikaa Doonald Tiraamp, qoqqobbii biyyoonni kunniin Qaxar irraa kaahan deeggarun,Qaxariin shoroorkeessitu jechuun yakke. Haata’u malee Ameerikaan biyya Shororkeessitoota deeggarti jechuun yakkiteef Jeettiiwwan waraanaa F-15 jedhaman, doolaara Biiliyoona kudhaa lamaatiin Qaxarii gurguruuf kan waliigalte tahuu gabaasni Rooyters irra argame ni addeessa.
Guyyaa kaleessaa, MInisteera Ittisa Ameerikaa kan tahe Jim Mattis fi Qondaaltonni qaxar waliigaltee kana raawwatuf kan walqunaman tahuu gabaafame. Maddi Oduu Bloomberg News jedhamu gama isaatiin Jeettiiwwan waraana 36 Qaxar bitachuudhaaf kan walii galan tahuu gabaaseera.
Peentagoon immoo gama isaatiin, waliigalteen ammaa kun nageenya fi waliitti dhufeenya Qaxar waliin qabnu cimsa jechuun isaa gabaafameera. Odeeyfannoon kun immoo biyyoota galoo galaana Arabiyaa kan Qaxar irratti qoqqoobbii labsaniif dhukkuba mataa tahee jira.

__________ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com
Commentaires