Yakki Muslimoonni naannoo Tigraay ittiin yakkaman akka jijjiiramu manni murtii murteesse.
- NuuralHudaa
- Jun 10, 2017
- 1 min read

Muslimoonni kun galmee Shekh Abdulmannaan jalatti shororkeessumman himatamuun ni yaadatama. Ulamaa'otaa fi Ustaazota galmee kana jalatti himataman kanniin, manni murtii yakka shororkeessumaa duraan himataman irraa gara yakka mootummaa arrabsuu jedhutti akka jijjiiramu kan murteesse tahuu gabaafamera.
Beellama kanaan duraatti Abbaan alangaa ragoota niqaba jedhe muslimoota kanniin irratti mana murtiichaatiif kan dhiheesse ture yoo tahu ,Manni murtiitis ragoota kana eega dhageefatee booda himannaa kana irratti murtii dabarsuuf Caamsaa 25/2017 beellame ture. Beellama kana irratti hundaa'uun himatamtoonni mana murtii kan dhiyaatan yoo tahu, yakka shororkeessumaa isaan irratti dhiyaate kuffisuun, yakka mootummaa arabsuu jedhuun ragaa ittisaa akka dhiyeeffatanii fi namoonni lama Sheekh Nasiirii fi Obbo Ahmad Gidey bilisaan akka lakkifaman kan murteeffame tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.
Namoonni hafan immoo yakka isaan irratti dhiyaateef raga ittisaa waxabajjii 13/2009 akka dhiyeefatan kan beellamame tahuu beekameera.
Comments