Guyyaa Soomanaan, Halkan ammoo Beelaan dabarsina
- Nuural Hudaa
- Jun 4, 2017
- 2 min read

Faaximaa Saalaah jedhamti, Manguddoo Waggaa 58tiiti. Akka namni biraa guyyaa rafutti isiin ramadaana keessa rafuu hin dandeettu. Hoo’aa fi aduu akkaan nama gubu keessa, umrii isii kanaan yoo waan ittiin faxaru argadhe jettee, Magaalaa Sana’aa keessa olii gad marti.
“Hedduu dadhabee. Dheebuunis natti jira. Osoo suhura hin nyaatin soomanaan jira” jette imimmaan ija isii keessa maraa. “Dur kabajaan mana kiyya keessa jiraataa ture. Ramadaannii ammoo anaaf ji’a akkaan jaalatamaa ture. Waraanni jalqabe kun garuu, gammachuu keenya nurraa fudhete. Ramadaana darbe homaa hin jennu ture, kan ammaa kun garuu akkaan nutti jajjabaate. Guyyaa ni soomanna, halkan ammoo ni beelofna. Kun ji’a ramadaanaati. Beelli ammoo kokketti na rarra’ee jira. Maatii kiyyaafi ofii kiyyaaf kiraa manaa ofirraa kafaluuf riyaala kuma 20 na barbaachisa” jette.
Muslimoonni Addunyaa irra jiran, ji’a ramadaanaa kana gammachuu fi haala gaariiidhaan dabarsan. Yamanitti garuu wanti kun waa yaadamuu miti. Akkuma amma dura isiniif gabaasaa turre, Yaman keessatti namoonni Miiliyana 17 ta’an waan nyaatanii dhabanii beela hamaaf saaxilamanii jira. Waraana waggaa lamaa oliif deemaa jiru kanaan ammoo rakkoon daran hammaattee jirti.
Yamanitti Ramadaanni baranaa yeroo akkaan rakkisaa keessa seena. Namoonni miiliyanaan laakkawaman beela hamaaf saaxilamanii jiran. Dabalataana ammoo namoonni kuma 65 ta’an dhukkuba koleeraatiin kan qabaman yoo ta’u, Isaan keessaa namoonni 530 ta’an ammoo lubbuu isaanii dhabaniiran.
Jiraataa magaalaa Sana’aa kan ta’e Muhammad al Mokhdaarii rakkina isa mudate Aljaziiratti akkana jechuun hime. “Ramadaanni yeroo addaati. Haa ta’u malee gammachuu tana nuti qooddachuu hin dandeenye. Yaadaan of duuba deebi’ee, waraanaan dura akkamitti dabarsaa akka turre yaaduu jalqabee jira. Amma gatiin nyaataa akkaan dabaleera. Mallaqa argachuun ammoo rakkisaadha. Wantoota bu’uuraa argachuu dadhabneerra. Foon horii, lukkuu, Kuduraa fi muduraa nyaatuun eebjuu nutti ta’eera. Wanti faxara irratti argannu, Areeraa fi Daabboodha’ jedhe.
Walumaa galatti rakkinni daran hammaatee jira. Mootummaan hojjattootaa miindaa eega kafaluu dhiisee ji’a sagal darbee jira. Namni suuqaa dhaqee waa bitatu hin jiru. Namuu karumarra deemaa, waan argate barbaadatee yoo argate soorata. Dhabu ammoo akkuma Faaximaan jette guyyaa niyyatee soomana. Halkan ammoo beelaan garaa ofii hidhatee bula. Warri akka tasaa mallaqa xiqqoo argatus, daabboo takkaa fi areera bitate faxara.
Ramadaanni ji’uma tokko qofaaf tura, rakkinni Yamanii garuu yeroo hagamiif akka deemu wanti beekkamu hin jiru.
Comentários