top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Manni Murtii Hindii ajaja mootummaan Loon qalmaaf akka hin gurguramne base kuffise.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • May 31, 2017
  • 1 min read

Mootummaan Hindii dhiheenya kana loon qalmaaf muslimoonni akka hin gurgurre jechuun ugguree ture, haata'u malee manni murtii olaanaa Hindii ajaja mootummaa kana kan kuffise tahuu Rooytersii gabaaseera. Abbootii alangaa ajajni kun akka kuffifamu gaafatan jidduu tokko akka jedhutti "Uggurri loon biyyoota muslimaaf akka hin gurguramne bahe harka qalleeyyii hojii warshalee gogaa keessa hojjatanii fi loon gurguratuun jiraatan irratti dhiibbaa guddaa uumma" jedha.

Abbaan alangaa S.Selvagomathy "Manni murtii ol'aanaa Hindii, ajaja mootummaan loon qalmaaf gabayaa irratti muslimoonni akka hin gurgurre jechuun baase kana, torbaan afuriif akka hojii irra hin oole kuffiseera jechuun Rooytersiif hime.

Dhimma kana ilaalchisee hanga ammaatti qondaaltoota mootummaa irraa ibsi kan hin keennamin tahuus gabaafameera.

Biyya Hindii keessatti Foon loonii dhiheessuu fi warshaan gogaa ,hojii muslimoonni biyyaattii baay’inaan irratti bobba'an yoo tahu, Muummichi ministeraa Nareendraa Moodii biyyattii keessatti daldalli beeyladootaa hojii qonnaa fi oomisha aananii qofaaf akka oolu jechuun labsee jira.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page