Masjiida Salaamitti Salaatni Taraawiihaa dhorkamuun gabaafame.
- NuuralHudaa
- May 29, 2017
- 1 min read

Masjiida Salaam kan godina Walloo magaalaa Waldiyaatti argamutti, ummanni imaama Ahbaash duubaan waan salaatuu didaniif, hoggantoonni majliisa Ahbaash salaanni Tarawiiha akka hin salatamne dhoorkuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Guyyaa kaleessaattis hoogganaan majliisa aanaa Obbo Sa’id Idiriis, kutaa ijoolleen naannawa sanii qur'aana itti qara’an kan mooraa masjiidichaa keessatti argamu kan cufsiise tahuun beekkameera.
Dabalaataniis manni barnoota Yatiimootaa kan masjiida Salaam jalatti agamu, cufamuu qaba jechuun waajjira Bulchiinsaa fi nageenya aanichaatiif xalayaa kan barreese tahuun beekameera. Mana Barumsa Yatiimotaa kana keessa barattoonni 60 kan jiraatanii fi hifzii qur'aanaa barataa kan jiran tahuus maddeen gabaasaniru.
____________
Application NuuralHudaa download godhuuf
Android https://goo.gl/Ieo7dv
iPhone https://goo.gl/y7n0In
iPad https://goo.gl/Yf9a8x
NuuralHudaa
https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/
https://twitter.com/NuuralHudaa
www.nuuralhudaa.com
Commenti