top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Magaaloota Oromiyaa adda addaa keessaatti ummanni ayyaana Caamsaa 20 balaaleffataa akka jiru gabaafa

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • May 28, 2017
  • 1 min read

Ayyaana Caamsaa 20 mootummaan Itiyoophiyaa guyyaa bilisummaa jechuun kabaju, ummanni dursee haala adda addaatiin mormaa jira. Guyyaa hardhaa magaalota Oromiyaa adda addaa keessatti ayyaana Caamsaa 20 kabajamu mormuun barreeffamni dhaadannoo adda addaa maxxanfamuu odeeffannoon argame ni addeessa.

Magaaloota guyyaa hardhaa barreeffamni mormii itti maxxanfaman jidduu; Harargee Bahaa magaalaa Awadaay, Wallaggaa Lixaa magaalaa Mandii,Burraayyuu, Dambii doolloo fi magaalaa Baatee akka keessatti argaman gabaafamee jira. Barreeffamni kunniin “hidhaa fi ajjeechaa dhaabsisuufi furmaanni qabsoo qofa! Hidhaa fi ajjeechaan qabsoo irraa gara boodaa nu hin deebisu” kan jedhuu kan keessatti argamu tahuun beekameera.

____________ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x

NuuralHudaa

https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com


Kommentare


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page