top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Mana barumsa Ifaa islaamaa bifa haarayaan ijaaruuf sochiin eegalame

  • Nuural Hudaa
  • May 23, 2017
  • 1 min read

Manni Barumsaa kun godina Harargee Lixaa magaalaa Cirootti kan argamu yoo tahu, bara 1986 A.L.H barnoota Diinii fi idilee kan kennaa jiru yoo tahu, Waajjirri barnoota iddoon mana baruumsa kun lakkoofsa barattootaa waliin wan wal hin simneef , fooyya'ee akka ijaaramu yaada kennaa kan turan yoo tahu, haaluma kanaan karoorri pirojektii kana guddisuu qabamee socho'aa kan jiran tahuu Itti aanaan Dayreekteraa nuf himan.

Itti aanaa Dayrektera mana barumsa kanaa kan tahan Sheekh Muhammad Nuur Ahmad Muusaa akka nuf himanitti

"Ijoolleen mana barumsa kanatti dur irra jalqabee barataa turan hardha sadarkaa guddaa irra gahanii jiru, manni barumsa keenyaa kun manneen barnoota mootummaa fi dhuunfaa aanaa keessatti argaman garaa isaa dhufuun muuxannoo irraa fudhataa jiru. Haata'u malee iddoon kun dhiphaa akka taheefi kana caalaa akka baldhisuu qabnu waligalamee, bulchiinsa magaalaa Ciroo irraa dachiis argane jirra, gara Koolleejjiitti olguddisne ijaaruuf karoora waan qabnuuf maallaqa guddaa nu barbachisaa” jedhu.

Manni baruumsa amma ijaaraamuuf karoorfame kun mana barumsa sadarkaa tokkoffaa hanga mana barumsa Qopha'iina kan of keessaa qabu yoo tahu ,Piroojektii kana galmaan gayuuf immoo qarshii miliyoona torbaatamaatu (70,000,000) barbaachisa, hanga ammatti hawaasa muslimaa magaalaa Ciroo irraa maallaqni muraasni kan argame yoo tahu ammas karaa adda addaatiin maallaqa kana walitti qabuuf kan socho'aa jiran tahuun beekkameera.

Hawaasni Muslimaa Biyya keessaa fi biyya alaatti argamus piroojektii kana galmaan gayuuf gahee isaan irraa eeggamu akka bahan jechuun wamiicha godhaniiru.


Comentarios


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page