Koolleejjiin Islaamaa Abbaa Jifaar Barsiisoota Waggaa lamaaf leenjisaa ture Eebbisiise.
- NuuralHudaa
- May 23, 2017
- 1 min read

Sagantaan Eebbaa kun Masjiida guddicha magaalaa Jimmaatti argamu Masjiida Rahmaa’tti kan geggeeffamee oole yoo tahu, Daa'iwwan 45 Naannolee adda addaa irraa fudhatuun waggaa lamaaf gosa barnootaa 12 irratti leenjisuudhaan sadarkaa dipiloomaatiin kan eebbisiise tahuu maddeen nuuf gabaasaaniiru. Sagantaa Eebbaa kana irratti Ulamaa'onni naannawa magaalaa Jimmaatti argaman, kan irraa qooda fudhatan tahuus odeeyfannoon argame ni addeessa. Eebbifamtoota kanniin keessaa namni tokko akka jedhutti: "guyyaan hardhaa kun guyyaa gammachuu kiyya guddaadha, Barnoota Islaamaatiin eebbifamu kiyyaaf gammaachuu guddaatu natti dhagahame, barnoota baradhe kanaan immoo gad bu'ee hawaasa kiyya tajaajiluuf qophaa’ee jira" jechuun nuf hime.
____________ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x
NuuralHudaa
https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com
Comments