top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Mootummaan Itiyoophiyaa muslimoota dararuu cimsee itti fufeera.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • May 19, 2017
  • 1 min read

Guyyaa hardhaa magaalaa Finfinnee Masjiida Beeteel kan naannawa Kolfeetti argamutti, hawaasni muslimaa salaata juma'aa sodaa guddaan kan salaate tahuu, odeeffannoon naannawa irraa nu gahe ni addeessa.

Mootummaan Itiyoophiyaa yeroo ramadaanni gahu, baay’ina muslimoota masjiidatti walitti qabaman irraa ka’ee ni sodaata. Mormiin ciman ka’uu danda’a sababa jedhuunis, masjiidonni waraanaan akka marfaman godha. Haaluma kanaan guyyaa har’aatis, masjiidni Beeteel waraana mootummaan kan marfame ta’uu, odeeyfannoo arganne ni mul’isa. Masjiidni guutuu isaatiin, namoota alatti afatanii salaatuuf turanis dhoorkuun kan bittanneessan ta’uun beekameera.

Akka namni naannawa sanii duubisne nuf himetti: "Poolisoonni lakkoofsaan heddu tahan naannawa masjiidaa dhufanii marsuun, iddoo duraan ummanni itti afatee salaataa turetti yammuu afatu, afaa jalaa fuudhuun daddarbaa turan. Gochi isaan hardha raawwataa turan kun namoota hedduu rifachisee jira, kun immoo ammas mootummaan mataa hawaasa muslimaa irraa kan hin bu'in tahuu kan agarsiisuudha" jedha.

Mootummaan dhiheenya kana hooggantoota majliisa Ahbaashotaa waliin walgahii geggeessuun, naannoo adda addaatti masjiidoonni akka hin haaromfamne dhoorkuu isaatii fi masjiidota ummataa humnaan warra Ahbaashiitiif keennaa jiraatu isaa gabaasuun keenya ni yaadatama.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page