Hayyuu Islaamaa Dr.Zaakir Naayikiif lammummaan Sa'udii keennamuun gabaafame.
- NuuralHudaa
- May 19, 2017
- 1 min read

Mootummaan Hindii Hayyuu Islaamaa Dr.Zaakir Naayik, himannaa Shororkeessummaa itti banuun ni yadatama. Sababaa kanaaf Doktor Zaakir yeroo ammaa Maleezhiyaa kan jiraata jiru yoo tahu, Dhiheenya kana immoo mootummaan Maleezhiyaa Dr. Zaakiriin dabarsee akka Intarpooliitti kennu mootummaa Hindii gaafatee ture.
Kana hordoofuun Mootummaan Sa’uudii Dr. Zaakiriif lammuummaa kan kenne tahuu ‘Middle East Monitor’ gabaaseera. Haata'uu malee Dr. Zaakiriif lammummaan Sa'udii kennamuufii mootummaa Sa’uudii irraa wanti ifaatti ibsame hin jiru.
Yeroo dhihoo dura Manni Murtii Hindii, dhaabbata Dr. Zaakir Hundeesse IRF(Islamic Research Foundation) hojii seeraan alaa hojjaata jechuun ugguruunis ni yadatama.
Commentaires