top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Magaalaa Naayiroobiitti sagantaan Da'awaa guddaan geggeeffame

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • May 18, 2017
  • 1 min read

Sagantaa Da’awaa magaalaa Naayiroobiitti guyyaa hardhaa mata duree “Ramadaana akkamitti simanna” jedhu irratti lammiiwwan biyya keenyaatin qophaa’e haala bareedaadhaan geggeeffamuu isaa odeeffannoon argame ni addeessa. Sagantaa Muhaadaraa guddaa kana irratti ,lammiiwwan biyya keennaa, magaalaa Naayiroobii keessa jiraatanii fi lakkoofsaan hedduu tahan kan hirmaatan yoo tahu, Ulamaa'oonni, Ustaazonni akkasumas munashidoonni argamuudhaan; akkaataa Ramadaana itti simatuu qabnu jedhu irratti dhaamsa bareedaa kan dabarsan tahuu maddeen gabaasaniiru. Ulama'oota ,Ustaazotaa fi munaashidoota sagantaa kana irratti argamuudhaan qooda fudhatan jidduu; Sheekh Alii Jimmaa, Sheekh Ahmad Muhammad, Sheekh Khaamil Abubakar, Sheekh Ahmad Najjaash fi Sheekh Bahrudiin Ahmad tahuun beekkameera. Munashidoota irraa immoo;Salahaddiin Sa'id,Saadam Abdullaahi fi Munashid Anas Muhammad kan argaman ta’uu isaa gabaasni kun mul’isee jira.

____________ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x

NuuralHudaa

https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page