Haakaroonni Kompiyuutaroota kuma heddu vaayirasiin faalan. Odeeyfannoo
- Nuural Hudaa
- May 14, 2017
- 2 min read

Sooftiweeriin Ameerikaan ittiin nama basaasuuf hojjatte tokko dhiheenya tana hatamee bahee, komputara nama hedduu galaafatutti jira. Haakaroonni sooftiweera kana hatan, gama vaayirasaatti jijjiiranii mallaqa ittiin oomishaa jiru.
Vaayirasiin kun jimaata galgala yeroo duraatiif yeroo intarneeta irratti gad dhiifamu, biyyoota 99 keessatti, kompiitaroota kuma 57 ol kan faale tahuunis beekameera. Guyyaa lama booda, jechuunis Alhada ammoo rakkinni kun dacha oliin dabale. Biyyoota 150 keessatti, Kompitaroota kuma 200 ta’an faale. Vaayirasiin kun WCry, ykn Wannacry jedhama. Ransomware Worm jedhamees ni waamama. Vaayirasichi eega kompiyuutara seenee booda, kompiyuutaricha guutumatti dukkaneessee, barreeffamoota adda addaa iskiriina irratti garsiisuu eegala. Daataa namni kompiitara keessaa qabus hundaa ni dhoysa.
Daataa kana deebifachuudhaaf ammoo kara bitcon jedhamuun doolaara 300 guyyaa sadi keessatti akka kafaluu qaban namatti hima. Yoo guyyaa sadi keessatti hin kafallee ammoo kaffaltiin isaa gara Doolaara 600 ol guddata. Kunis guyyaa 7 keessatti kafalamuu qaba. Yoo guyyaa 7 keessatti hin kafalamin, kompiitaricha guutumatti cufee, daataa hunda nama jalaa balleessa.
Vaayrasni kun maqaa worm jedhamus ofirraa qaba. Worm jechuun Raammoo garaa jechuudha. Raammoon kun ammoo takka komputara seennaan, faayila hunda keessa deemuudhaan cufa.
Mootummaan Ameerikaa Software kana yeroo tolchu kompitara namaa ittiin basaasuuf hojjate. Warri softweera kana hate gara Vaayrasitti jijjiiranii kompiyuutara faalaa jiru. Ammaaf Vaayrasiin kun dhaabbilee gurguddaa miidhaa jira. Keessattu Awrooppaa keessatti, baankonni gurguddaa fi dhaabbileen fayyaa Vaayrasii kanaan daran miidhamanii jiran.
Daayrekteera Europol kan ta’e, Rob Wainwright ibsa Televzhiina ITV jedhamuuf yeroo kennu… “Vaayrasiin kun ammaan tana saffisa guddaan faffaca’utti jira. Guyya wiixataa yeroo namni gara dalagaa deebi’u ammoo daran rakkinni kun hammaatuu danda’a. Vaayrasiin kun bifa raammootiin waan tamsa’uuf, Kompiyuutara tokko keessa seennaan, kompiyuutaroonna Network san irra jiru hunda isaa ni faala. Ammaaf namoota rakkina kana uumaa jiran too’annaa jala oolchuudhaaf FBI waliin hojjachutti jirra. Haa ta’u malee, namoonni kunniin, qubsuma isaanii (location) cufanii waan jiraniif, arkachuudhaaf heddu rakkannee jirra.” jedhe
Vaayrasiin kun ammaaf Kompiyuutaroota Windows operating system (Windows XP, Vista, Windows 7, Windows 8, Windows 10) qaban miidhutti jira. Namoonni operating systema kana fayyadaman, daataa isaanii Hard Disk biraa irratti backup godhachuun rakkina kana jalaa akka of eeganis himameera. Dabalataanis, namoonni akka tasaa ta’ee Vaayrasa kanaan miidhaman, Daataa san deebisnee argachuu isaaniitiif ragaan qabatamaan tokkolleen waan hin jirreef Kaffalattii takkallee, warra vaayrasaan nama faaluu akka hin kafalle himameera.
Comments