top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Ummanni Harargee Bahaa fi lixaa waggaa 18 dura iddoo dhaloota isaanii irraa buqqa'anii turan amm

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • May 13, 2017
  • 1 min read

Bara 1991 A.L.H ti Sababa hoongee hamaa godinaalee Harargee lamaan muudateen; ummanni hedduun gara Godina Baleetti godaanaa kan ture yoo tahu, waggaa 10 booda mootumman godina Baalee irraa gara godina Iluu Abbaa Boor aanaa Dambiitti gessuudhaan qubsiise.

Ummanni kun turtii isaanii waggaa 7 kana keessaatti, lafti mootummaan irra qubsiise kun kan bishaaniin liqimfamte wan ta'eef ; akka jijjiiramuuf yeroo hedduu iyyaata kan turan yoo ta'us; deebisaa waan dhabaniif maatiin 3000 ol naannicha gadi dhiisanii akka godaanan beekkamee jira.

Ummanni kun aangawoota godina Iluu Abbaa Boor irraa, furmaata tokkoyyuu argatuu waan hin danda'iiniif, qaama ol'aanutti iyyatuudhaaf gara magaalaa Finfinneetti milaan baqachuuf dirqaman. Haaluma kanaan fageenya dheeraa qaxxaamuruudhaan ,yeroo magaalaa Jimmaa gayanitti, mootummaan waraanaan marsee ummata kana kaampiitti walitti qabuudhaan, daraaraa kan jiru tahuu jiraataan magaalaa Jimmaa tokko nuf himee jira.

Akka Jiraataan kun nuf himeetti: "Umaanni kun yeroo ammaa magaalaa Jimmaatti qabamanii aangawwoonni mootummaa iddoo irraa dhuftanitti isin deebisna jechuun kan dirqisiisaa jiran yoo tahu, isaan immoo asuma jiraanna jechuun dida jiru, ummanni magaalaa Jimmaatis asuuma haa jiraatan jechuun falmataafii jiran” jechuun dubbata.

yeroo ammaa kana immoo kaampii kana keessatti ,nyaanni ummanni gesaaafii jiru isaan gahaa waan hin jirreef beelaan dhumaa akka jiran namni kun nuuf ibsee jira. Lakkoofsi namoota kanaa guyyaa irraa guyyaatti kan dabalaa jiru yoo tahu, Guyyaa jalqabaa nama 2450 yoo tahan,hanga ammaatti immoo lakkoofsi isaanii 3200 oli akka tahee fi hanga ammaatitti mootummaa irraa furmaata tokkoyuu kan hin argatin tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.

____________ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x

NuuralHudaa

https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page