Search
Magaalaa Asaasaatti barattoonni 46 hifzii Qur’aanaatiin eebbifamuun gabaafame .
- NuuralHudaa
- May 12, 2017
- 1 min read

Godina Arsii Lixaa Magaalaa Asaasaatitti, guyyaa kaleessaa May11/2017 barattoonni 46 hifzii Qur’aanaatiin Madrassaa Hudaa irra kan eebbifaman yoo tahu; isaan keessaa barattoonni 13 dubartoota akka ta’an gabaasni arganne ni addeessa. Haafiztoota eebbifaman kanaaf waraqaan ragaa akka kennameefis beekkamee jira.
Barattoota amma eebbifaman keessaa dubartiin haadha ilmaan jahaa taate kan keessatti argamtu yoo tahu, Haadha ilmaan shanii taatee Qur’aanaa Aliifa irraa eegaltee, gaafa Qur'aana Haffazdu ammoo ilma 6ffaa kan argatte tahuunis gabaafameera.
Comentarios