top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Godina Iluu Abbaaboor keessatti muslimoonni guyyaa Alhadaa hojii kamiyyuu akka hin hojjane dhorkamuu

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • May 11, 2017
  • 1 min read

Godina Iluu Abbaa Boor aanaa AaIleetti muslimoonni ganda Jeetoo, hordoftoonni amantaa kiristaanaa guyyaa Alhadaa (sanbataa) hojii kamiyyuu akka hin hojjane nu dirqisiisan jechuun himan.

Akka jiraataan ganda kanaa nuuf himetti:

"Kanaan duraas guyyaa gabayaa kan Sanbata/Alhaada ture, warri amantaa kiristaanaa kan jijjiirsisan yoo tahu, amma immoo namni ganda kana keessa jiraatu kamiyyuu guyyaan sanbataa guyyaa amantaa keenyaa waan ta'eef; namni tokkolleen hojiif akka hin bobbaane nu dhoorkan. Sanbata dabre namoota qonnaaf qotiyyoo xamadatanii hojiif bobba’an, Warri kiristaanaa kun eboo fi gajaraa qabatanii dhufuudhaan akka hin qonne dhoorkan. Gara aangawoota mootummaatis iyyaannoo dhiheefannus, kanaan dura hordoftoonni amantaa kiristaanaa lakkoofsa hedduu tahanii osoo jiran sagalee caalmaan murteessina jechuudhaan, isaaniif murteessani turan. Ammas warri aanaa irraa dhufes harki caalmaan hin hojjatamu waan jedheef, yoo isin ajjeesanis itti hin gaafatamnu jechuun nu biraa deeman” jechuudhaan yaada isaanii nuuf kennan.

Itti dabaluudhaanis hawaasni muslimaa ganda kanaa, eega guyyaa Sanbataatii sodaa guddaa keessa akka jiranii fi manaa bahuus kan dadhaban tahuu isaanii namni kun nuuf ibse jira.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page