top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Manni Murtii Federaalaa muslimoota 23 irratti yakka badii murteesse.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • May 10, 2017
  • 1 min read

Abbaan alangaa galmee Isma'iil Baqqalaa jalatti muslimoota 23, yakka dharaa mootummaa Islaamaa biyyattii keessatti hundeessuuf socho’aa turan jechuudhaan himate irratti, manni murtii Federaalaa murtii badii raawwatanii jiru jedhu murteessuu isaa odeeffannoon argame ni addeessa.

Muslimoonni kunniin jiraattoota magaalaa Finfinnee, naannoo Oromiyaa fi naannoo Kibbaa irraa kan hidhaman yoo tahu, naannoolee kanniin keessatti saamiicha raawwataa turan jechuun kan yakkaman ta'ulleen beekkameera.

Abbaan alangaa muslimoota kanniin irratti ragaa dharaa namoota 41 mana murtiitti kan dhiheesse yoo tahu, himatamtoonnis himannaa dharaa isaan irratti dhiyaate kan hin raawwatiin tahuu ragaa ittisaa dhiheefachuun isaanii beekkameera. Manni murtiitis himannaa isaan irratti dhiyaate fi ragalee sobaa eegaa dhageeffate booda, murtii badii raawwatanii jiru jedhu murteessuudhaan, murtii adabbii murteessuuf Caamsaa 9/2009f kan beellame tahu maddeen gabaasaniru.

Obboleessi muslimaa galmeen kun maqaa isaatiin waamamu Ismaa'iil Baqqalaa, namoota mana hidhaa Qilinxoo Ibiddan gubdan jechuun himataman kessatti akka argamu ni yadatama.

____________ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x

NuuralHudaa

https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com


Comentarios


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page