top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Lammiileen Falasxiin mana hidhaa Israa’eli keessatti nyaata lagataa jiran falmii kaasan.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • May 9, 2017
  • 1 min read

Lammiileen Falasxiin1,000 ol ta’anii fi dararaa mana hidhaa Israa’eel keessatti isaan irra gayaa jiru; mormuudhaan nyaata lagataa kan turan yoo tahu, yeroo amma kanatti ammoo haala dursaan isaanii kan tahe Marwaan Barghuuti keessa jiru bekuu dhabuu isaaniitiin, falmii kaasuun isaanii beekkamee jira. Aangawwoonni israa’el Marwaan Barghuutii dirqisiisuudhaan nyaachisuu hin oolle shakkiin jedhu hidhamtoota biro kan yaaddesse ta’uun beekkamee jira. Qabsaawaan beekkaman Falasxiin kun ,dararaa mana hidhaa keessatti isaafi jaallewwan isaa irra gayaa jiruu fi himata tokko malee woggoota dheeraaf haala lammiileen Falasxiin mana hidhaatti ugguraman mormuudhaan; laguu nyaataa April 17/2017 irra eeggalee kan labse tahuun ni yaadatama. Marwaan Barguutii baraa 2014 irraa eeggalee hidhaan umrii guutu itti murteeffamuudhaan man hidhaa Israa’el keessatti kan argamu ta’uun ni beekkama.

____________ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x

NuuralHudaa

https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page