top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Kantiibaa magaalaa Jaakaartaa kan durii adabbiin hidhaa waggaa lamaa itti murteeyfame.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • May 9, 2017
  • 1 min read

Indoneezyiyaatti Kantiibaa magaalaa guddoo Jaakaartaa kan ture Basuki Tjahaja Purnama, yeroo duula filannoo geggeessaa turetti haasawa Islaamummaa fi Qur'aana arrabsu godhe jechuun himannaan irratti banamee ture. Manni murtii dhimma kanaa erga qorateen booda, adabbii hidhaa waggaa lamaa itti murteessuun gabaafamera.

Lammiiwwan Indoonezhiyaa lakkoofsaan hedduu tahan mana murtii fuulduratti walitti qabamuudhaan; akka adabbiin cimaan itti murteeyfamu kan gaafata turan yoo tahu, adabbii manni murtii dabarse kana hedduu laafaadha jechuun, mormii kan itti fufan tahuu odeeffannoon argame ni addeessa. Kantiibaan kun filannoo baatii dabre geggeefameen hinjifatamuun isaa ni yaadatama.

____________ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x

NuuralHudaa

https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com


Comentários


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page