Kaabineen Mootummaa Israa’el, Afaan Arabaa afaan hojii irraa kaasuuf wixinee qopheessuun isaa beekka
- NuuralHudaa
- May 9, 2017
- 1 min read

Isaraa’eel keessatti Afaan Arabaa, afaan Hibruu waliin akka afaan biyyoolessatti bekkamtii kan qabu ta'us; yeroo amma garuu kaabineen muumicha ministeraa Benjamiin Netaaniyahuu tiin hoogganamu, haala kana jijjiruuf hojjataa kan jiru ta’uun beekkameera. Wixineen ministeeronni biyyatti qopheessan kun; “Afaan Arabaa afaan biyyoolessaa irraa akka haqamuufi biyyiti Israa’eel Mootummaa Yahuudota “jewish state” jedhamee heera biyyattii irratti akka tumamu”kan jedhu ta’uu isaa Aljaziiraan gabaasee jira.
Wixineen kun kan raggaasifamu yoo ta’e, dhiibbaan Araboota lammii Israa’eel 20% ol ta’an irra gahaa jiru, daranuu kan hammeessuu akka ta’e qeeqxonni siyaasaa dubbataa jiran. Miseensa parlaamaa israa’eeli fi dursaa gamtaa Arabaa kan ta’e Ayman Odeh gamaa isaatiin akka jedhutti “karoorri wixinee kun Araboota gara lammii lammaffaatitti gadi buusuuf ; kan itti yaadamee baye waan ta’eef ni balaaleffanna jedhee jira” . Falmitoonni mirga namoomaatis karoora kana “kan jibbiinsaa fi hammenya irratti hundaaye” jechuun balaaleffataa akka jiran gabaafameera.
コメント