top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Gareen Hamaas kan Gaazaa bulchaa jiru,Ismaa’il Haniyyaa Hoogganaa haarawa gochuun filate.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • May 9, 2017
  • 1 min read

Kutaa biyya Falasxiin kan taate Gaazaa bulchaa kan jiru Gareen Haamaas; Ismaa’il Haniyyaa hoogganaa siyaasaa haarawa gochuun akka filate gabaafameera. Filannoon kun kan ibsame ,Hamaas chaartarii ittiin bulmaata isaa haarawa erga ifa godhee guyyaa lamaan booda yoo tahu; gareen kun haaromsaa ol’anaa keessa akka jiru mul’isa jechuun hooggantoonni dubbataa jiru. Hoogganaa Siyaasaa duraanii kan ta’e Khaalid Mishaal ibsa ijjannoo baaseen “Obboleessaa fi jaala qabsoo kiyya kan ta’ee Ismaa’iil Haniyyaa tiif aangoo kiyya karaa nagayaatiin dabarsuu koo ni ibsa” jedhee jira.

Ismaa’iil Haniyya bara 2006 miseensa hooggansa Hamaas ta’uudhaan ; Gaazaa keessatti dhaaba Faatah kan Pirezedanti Mahmuud Abbaasiitiin durfamu yemmuu filannoodhaan hinjifatetti; beekkamtii ol’aanaa kan argate yoo tahu ; yeroo qabsoo Intifaadaa jalqabaa mana hidhaa Israa’eel keessa akka tures beekkameera.

Hoogganaan hamaas kan duraanii biyyaa irraa baqachuun Qataar keessa jirataa kan ture yoo ta’hu; Ismaa’il Haniyya ammoo Gaazaa keessa jiraachuun isaa qabsoo Falasxiin daran jabeessa jedhameera.


コメント


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page