Imaanu’eel Maakron Pirezdantii Faransaayi tahuun Filatame.
- NuuralHudaa
- May 7, 2017
- 1 min read

Filaannoo Pirezdantummaa biyya Faransaay kessatti Alhada hardhaa geggeeffameen Ministeera maallaqa biyyattii kan ture Imaanu’eel Makroon , Ilaalcha badaa fi Jibbaa muslimoota fi baqattootaaf tan qabdu kaadhimamtuu Partii “National Front” kan taate Marine Le Pen sagalee garaagarummaa guddaan hinjifatuun isaa gabaafamera.
Paartiin National Front kan Le Peniin hogganamu Imamaata farra Islaamummaa qabaatun duula filaannoo isaanii irratti kan ibsataa turan yoo tahu, Imaammata isaanii kana jidduu; Qeeraa muslimoota biyyattii keessaa baasuu, iddoowwan namoonni itti hedduumaatan kan akka hospitaalaa, gabayaa fi manneen barnootatti hijaabni akka hin uffatamne ugguruu akkasumas baqattoonni biyyoota muslimaa akka Faransaayi hin seenne nigoona jechaa turan.
Commentaires