Madrasaan Salaam Marsaa 2ffaaf Barattoota Hifzii Quur’aanaa Eebbisiise.
- NuuralHudaa
- May 7, 2017
- 1 min read

Madrasaan Salaam kan naannoo Amaaraa godina addaa Oromiyaa magaalaa Kamiseetti argamu marsaa 2ffaaf barattoota Hifzii Qur’aanaa guyyaa hardhaa eebbisiisee jira. Sirni eebbaa kun galma guddaa Abbaa Gadaa kan magaalaa kamiseetti argamutti kan geggeeffame yoo tahu hawaasni muslimaa laakkofsaan hedduu tahes irratti akka argames odeeyfannoon argame ni addeessa.
Sirna Eebbaa kana irratti Ulama’onnii fi Ustaazonni magaalaa Kamisee fi naannawa sanii argamuudhaan, mataduree adda addaa irratti da’awaa kan godhan tahuus odeeyfannoon argame ni addeessa.
Comentários