top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Mormii Doktor Mararaan dhiheesse irratti Abbaan alangaa deebisaa kenne.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • May 4, 2017
  • 1 min read

Hoogganna KFO kan tahe Dr Mararaa Guddinaa, himannaa abbaan alangaa irratti dhiheessee ture mormuudhaan; iyyannoo fuula 11 qabu mana murtiitiif galchuun isaa niyaadatama. Haaluma kanaan guyyaa hardhaa Ebla 26/2009 abbaan alangaa mormii Doktor Mararaa irratti deebii kennuu isaa gabaasni argame ni addeessa. Akka gabaasa kanaatitti Doktor Mararaa Guddinaa iyyannoo dhiheesse irratti; Himannaan Doktor Birhaanuu Naggaa waliin walgahii irratti argamtan jedhu ilaalamuu hin qabu; himannan kiyyas kophatti naaf ilaalamuu qaba kan jedhu yoo tahu; abbaan Alaangaatis mana murtiitiif; Isaan lamaan kaayyoo tokko waan qabaniif himannaan isaanii adda bahuu hin qabu jechuun deebii kennuun gabaafamee jira. Manni murtiis iyyaannoo Doktar Mararaaf deebisaa Abbaan alangaa kenne qoraatee murtii dabarsuuf Caamsaa 25,2009f beellamu FBC'n gabaasee jira.

____________ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x

NuuralHudaa

https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com


Kommentarer


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page