Ahbaashonni Ustaazota iddoo adda addaatti Masjiida fi Madrasaa ijaarsisuuf socho'aa jiran irratt
- NuuralHudaa
- May 4, 2017
- 1 min read

Hoggantoonni majlisa mootummaa iddoowwan adda addaatti waltajjii walgahii qopheessuun; Ustaazoota fi koree furmaata barbaadduu hawaasa muslimaa yeroo ammaa masjiida fi madrasaa ijaarsisuuf sagantaa adda addaa irratti hirmaataa jiran , mootummaan akka tarkaanfii isaan irratti fudhatu kan gaafataa jiran tahuu odeefannoon argame ni addeessa.
Walgahii magaalaa Finfinnee, Hawaasaa fi Haraar irratti hoggantoonni majlisa mootummaa geggeessan irratti; Sochiin mankaraarisitootaa qabbana'ee ture maqaa masjiidotaa fi madrasaa isiinif ijaarra jedhuun; ololli siyaasaa geggeeffamutti jira jechuun Ustaazota keenya yakkaa akka jiran maddeen gabaasaniru.
Walgahii mataduree farra Mankaraarisummaa jedhuun qophaa’e kana irratti , hoggantoonni majlisaa akka jedhanitti “konfiransiiwwan maqaa masjiidaa fi madrasaa ijaarsisna, akkasumas barattoota eebbisiisna jedhuun geggeeffama jiranii fi sochiin beekkamtii mootummaa, majliisaa fi dhaabbilee amantaa torbaniin alatti Yuunivarsitii Islaamaa ijaarsisuuf maallaqa walitti qabuuf godhamaa jiruus ,mootummaan hatattamaan dhabsiisuu qaba”jechuun isaanii gabaafamee jira.
Walgahii Naannoo kibbaatti geggeeffame irratti immoo, masjiidotaa fi madrasaalee magaalota adda addaa keessa jiran, hawaasa muslimaa irraa fudhuuf namoota isaanii kan qopheessan ta’uu fi koreen masjiidotaa, wardiyaa, imaama fi mu'azzinni amantaa Ahbaashi kan morman yoo tahe akka ari'aman murteessuun gabaafamera.
Majliisni kun mirga walabummaa amantaa sarbaa kan jiru yoo tahu, nama amantaa Ahbaash hin hordoofne, mankaraaressaa jechuun masjiidaa aari'uuf yaalii godhaa kan jiru tahuu maddeen gabaasaniru.
____________ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x
NuuralHudaa
https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com
Comments