Shakkamtoonni Haleella Masjiid Al-Nabawii to’annaa jala ooluun gabaafame.
- NuuralHudaa
- May 2, 2017
- 1 min read

Waggaa darbe magaalaa kabajamtuu Madiinaa Masjid Al-Nabawii irratti, ji’a Ramadaanaa keessa Haleellaa boombii raawwatameen lubbuun namoota 4 dabruun ni yaadatama. Mootummaan Sa’udii namoota 46 gocha sukkanneessaa kana raawwatuudhaan shakkaman, too’annaa jala kan oolche tahuu beeksisee jira.
Dubbii Himaan ministeera dhimma biyya keessaa kan mootummaa Sa’udii,” Major General Mansour al-Turkii” Alhaada kaleessa Ebla 30/2017 akka jedhetti, “Qorannaa geggeeffameen, Namoonni kun itti yaadanii muslimoota Masjiida Nabawii keessatti salaataa turan irratti, miidhaa dhaqabsiisuuf kan raawwatan tahuu fi akkasumas haleellaa boombii waggaa dabre ji’uma Ramadaanaa keessa, naannawa Imbaasii Ameerikaa kan magaalaa Jiddaa keessatti raawwatameen waliitti hidhata akka qabu agarsisa” jechuun midiyaaleef ibse.
Balaa Boombii naannawa MasjidAl-Nabawii gahee tureen waardiyyoonni masjiida eegaa turan afuri fi, kan magaalaa Jiddaatti raawwatameen immoo miseensonni poolisii lama kan ajjeefaman tahuun niyaadatama. Namoota gocha kana raawwatuudhaan shakkamanii to’annaa jala oolaan keessaa 32 lammii Sa’udii yoo tahan; isaan hafan 14 immoo lammiiwwan Misraa, Pakistaan, Yaman, Afghaanistaan, Suudaanii fi kan Urduun akka tahan ibsamee jira.Dabalataanis yeroo gabaabaa keessaatti mootummaan Sa’uudii namoota kana irratti, tarkaanfii seeraa kan fudhatu tahuu beeksisee jira.
Opmerkingen