top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Magaalaa Dadaritti barattoota Sheekh Aliyyii irratti qara’aa turaniif, geggeessaan godhame

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Apr 30, 2017
  • 1 min read

Guyyaa har’aa Ebla 30/2017 Harargee bahaa magaalaa Dadaritti,barattoota naannoo Oromiyaa iddoo adda addaa irraa walitti dhufuun masjiida Ansaariitti, Sheekh Aliyyi irratti qara’aa turaniif sagantaan geggeessaa ,haala bareedaan akka adeemsifame odeeyfannoon naannaawa irraa nu gahe ni addeessa. Sagantaa kana irratti ulamaa’onni , ustaazonni fi hawaasni muslimaa iddoo adda addaa irraa walitti dhufuudhaan qooda fudhatanii jiru. Keessummoota sagantaa kana irratti argaman jidduu, Sheekh Amiin Ibroo,Sheekh Najaashii Hamar, Sheekh Abdullahii Jajaa, Munashid Abdurrahmaan Huseenii fi keessumoonni birootis kan argaman tahuu maddeen nuf gabaasanii jiru. Sagantaa kana irratti Gamoo(fooqii) dabalataa masjiida Ansaar kan ijaaraama jiruuf, qophiin galii sassaabuutis kan godhame tahuu odeeyfannoon argame ni adeessa.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page