Lakkofsi Namoota Gargaarsa Hatattamaa Eeggatanii Miliyoona Lamaan Dabale.
- NuuralHudaa
- Apr 29, 2017
- 1 min read

Itiyoophiyaa Keessatti Laakkofsi namoota gargaarsa hatattamaa eeggatanii baatii afur keessatti, Miliyoona lamaan dabaluun ibsamee jra. Yeroo ammaa laakkofsi namoota gargaarsa nyaata hatattamaa eeggatanii 7,780,000 dhaqqabuu isaa ; obbo Mitikkuu Kaasaa hogganaan komishiina ittisa balaa biyyoolessaa ibsee jira.
Kanneen keessaa namni 1,500,000 ta’an naannoo Oromiyaa irraa, 203,000 immoo naannoo Kibbaa irraa yoo ta’u, Kanneen gara 304,000 ta’an immoo naannoo Amaaraa irraa ta’uun ibsamee jira. Hanga ammaatitti gargaarsi kan kennamaafii ture lammiiwwan biyyattii 5,500,000 qofaaf yoo ta’u ; Isaan ammaa kun gargaarsa tokkollee kan hin argatin ta’uun beekkamee jira. Maallaqni gargaarsaaf gaafatame doolaara Biliyoona tokko ta’uus, mootummaan Ameerikaa karaa Sagantaa Nyaata Addunyaa fi Eop “Emergency Operation Program” kan jedhamuutiin, gara doolaara 114,000,000 kennee jira. Biyyoonni biroos, haga doolaara 10,000,000 kennuun isaanii beekkamee jira.
Comments