Ameerikaan Kooriyaa Kaabaa waliin mari'aatuuf fedhii kan qabdu tahuu ibsite
- Nuural Hudaa
- Apr 28, 2017
- 1 min read

Prezdaantiin Ameerikaa Doonald Traamp, rakkoon Ameerikaa fi kooriyaa kaabaa jidduu jiru ulfaataa ta’us, biyyoota wal-dhabbii qabnuun hunda waliinuu mari'achuudhaaf qophiidha jechuu isaa Rooytars gabaasee jira.
Gama biraatiin, Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Reeks Tiilarsan akka jedhetti, “Kooriyaan Kaabaa amma booda yaalii Niyuuklaraa kan gootu yoo tahe, qoqqobbii akka irra keettu Chaayinaan waadaa galtee jirti” jedhe.
Dubbii Chaayina kana hordofee, Doonald Tiraamp ejjannoo Prezdaantiin Chaayinaa Zii Jiin Piing Kooriyaa kaabaa irratti hordoofa jiru dinqisiifatuun;"Prezdaantiichi nama garii biyya isaa jaallatu” jechuun faarsee jira. Tiraamp yeroo duula na filadhaa geggeessaa turetti,Chaayinaa kan balaaleeffataa ture yoo tahu, amma garuu yaada isaa jijjiiruun Chaayinaa fi qondaaltota isii dinqisifataa jira.
kun kanaan osoo jiru, Manni Maree Dhimma Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii ,waa'ee Nuukleera Kooriyaa Kaabaa irratti guyyaa hardhaa kan marii godhu tahuu, gabaasni BBC irraa argame ni addeessa.
Comments