Majliisni mootummaa masjiidni akka hin haaromfamne dhoorkisiisuun gabaafaame.
- NuuralHudaa
- Apr 26, 2017
- 1 min read

Majliisni Ahbaashiin durfamu masjiidni akka hin haaromfamne dhoorkisiisuun gabaafaame.
Masjiida Salaam, kan godina Walloo kaabaa magaalaa Waldiyaatti argamu, hawaasni muslimaa ji’a Ramadanaatiif haaroomsuudhaaf qophii isaanii xumuranii turan. Haata’u malee hoogganaa majliisaa kan tahe Obbo Sayid Idiriis ,itti gaafatamaa waajjira nageenyaa fi bulchinsa magaalattii Obboo Muluqan Maariyee waamuudhaan ,masjiidni akka hin haaroomfamne dhoorkisiisuu isaa odeefannoon argame ni addeessa.
Itti gaafatamaan waajjirra Bulchiinsaa fi Nageenya aanichaa kun ,namoota masjiida kana haaromsiisuuf socho’aa turan Ebla 16/2009 waajjiratti waamuun akka doorsisan beekkamee jira. Afaa masjiidaaf ergame eenyutu erge, teessoo nama ergee fidaa, namoonni maallaqa baasan eenyufa’a, laakkofsa bilbilaa fi maqaa isaanii himaa; yoo diddan ni hidhamtu jechuun kan soodachisaa ture tahuu gabaafameera.
Sochii hawaasni muslimaa masjiidota isaa ofii ijaaratuuf naannoo adda addaatitti godhaa jiru,majliisni Ahbaashii mootummaa waliin tahuudhaan, akka gufachisaa jiru maddeen gabaasaaniru.
Comments